Waajjirri Deggersa Faayinaansii Magaalaa Saint Paul fi qorattoonni Yuunivarsiitii Michigan Mana Barumsaa Hojii Hawaasummaa irraa dhufan Pan Atlantic Research waliin ta’uun qorannoo agarsiisa CollegeBound Boost gaggeessaatti jiru.
Kaayyoo Qo'annoo
Bara 2020 irraa eegalee daa’imman Saint Paul keessatti dhalatan hundi akka qaama sagantaa haaraa “CollegeBound Saint Paul” jedhamutti herrega qusannaa Magaalaa irraa argatan. Mucaan keessan Guraandhala 1, 2020 ykn sana booda waan dhalateef akkaawuntii kana keessaa tokko waan qabuuf isin qunnamaa jirra. Magaalaan Saint Paul maatiidhaaf deeggarsa maallaqaa dabalataa kennuudhaaf tooftaalee haaraa fi kalaqaan qorachaa jira.Teessoo fi galii maatii keessanii irratti hundaa’uun hirmaachuuf ulaagaa guutuu dandeessu.
Yoo ulaagaa guuttanii fi qorannoo kana irratti hirmaachuuf walii galtan, garee sadan keessaa isa tokkotti ji’oota 24f carradhaan (randomly) kan ramadamtan ta’a.
Gareewwan sadan kunneen keessaa tokkotti ramadamtu:
1. Herrega CollegeBound kan Saint Paul daa’ima keessanii keessatti maallaqa dabalataa (ji’oota 12f kurmaana kurmaanaan $250 waliigala $1,000); ykn
2. Galii dabalataa ji’a ji’aan $500 ji’oota 24f, akkasumas kuufama dabalataa $250 kurmaana kurmaanaan ji’oota 12f herrega CollegeBound daa’ima keessanii keessatti; ykn
3. Kuusaa kan jalqabii ammaa $50 fi carraa bonasii argachuu waliin CollegeBound Saint Paul keessa jiraachuu itti fufuu.
Beenyaa
Garee kamitti akka tasaa ramadamtan iyyuu, hirmaattonni CollegeBound Boost hundi kaardii kennaa $120 argachuuf carraa ni argatu. Kaardii kennaa VISA dursee kaffalame $40 akka galata qorannoo kana irratti hirmaachuu keessaniif, dabalataan kaardii kennaa dabalataa $40 qorannoo gabaabaa ji’oota 12 fi 24 keessatti xumuruu keessaniif ni argattu.
Torban tokko keessatti,imeelii hordoffii ykn bilbila qorannoo Pan Atlantic irraa qajeelfama dabalataa garee akka tasaa itti ramadamtan irratti hundaa’uun isiniif ergama. Maaloo email collegeboundboost@panatlanticresearch.com. irraa dhufuuf ‘in-box’ keessan ilaalaa.
Waggaatti al tokko (qorannicha irratti hirmaachuu erga jalqabdanii gara ji’a 12 fi 24 booda), waa’ee muuxannoo keessanii fi odeeffannoowwan biroo waa’ee keessanii fi fayyaa daa’ima keessanii, barnoota daa’ima keessanii irraa waan eegdan, qorannoo daqiiqaa 15 taasisuuf isin qunnamna, akkasumas akkamitti gara fuulduraaf karoorfachaa akka jirtan beekuuf. Fakkeenyaaf, gaaffilee kana fakkaatan
gaafachuu daneenya Mucaan keessan haga mana barumsaatti hangam akka deemu eegdu? ykn Yeroo ammaa maatiin keessan barnoota daa’ima keessanii gara fuula duraatiif qusataa jiraa?
Gaaffiiwwan tokko tokko uumamaan miira namaa kan tuqan ta’uu dandaʼu. Fakkeenyaaf, gaaffilee waa’ee dhiibbaa dinagdee akka Maatiin koo gosa manaa nu barbaachisu bitachuuf maallaqa gahaa qabaachuu, ykn waa’ee fayyaa sammuu gaaffii akka ji’a darbe keessa yeroo meeqa gaddi ykn kophummaan sitti dhaga’ame kan jedhugaafachuu. Gaaffii baayʼee miira keessan tuqan kamiyyuu deebisuun isin hin barbaachisu; gaaffii qorannoo kanaa kamiyyuu irra darbuu dandeessu.
Tokkoon tokkoon qorannoo erga xumurtanii booda, Yunivarsiitii Michigan irraa VISA dursee kaffalame $40 kan biraa ni argattu.
Qorannoon kana akka xumurruuf, odeeffannoon qorannoo keessan irraa argame adda baastuu addaatiin odeeffannoo waa’ee hirmaannaa qorannoo kanaa fi herrega mucaa keessanii CollegeBound Saint Paul waliin walqabsiifama. Addatti, odeeffannoo sagantaa CollegeBound Saint Paul hunda kan akka guyyaa isin poortala seentan, gosaa fi hanga kuufama hundaa, fi odeeffannoo biroo sagantaa CollegeBound Saint Paul waliin walqunnamtii keessan wajjin walqabatu ni arganna. Kunis odeeffannoo
walquunnamtii fi kuufama garee qorannoo kamiyyuu irraa argamu hunda of keessatti qabata.
Faayidaalee
Hirmaannaan keessan akkaataa sagantaalee magaalaa itti qopheessinu ykn fooyyessuu dandeenyu haala gaariin daa’immanii fi maatii Saint Poul keessatti guddisuuf akka dandeenyu caalaatti hubachuuf nu gargaara. Akkasumas gara fuulduraatti hordoffii dabalataaf irra deebiin isin qunnamuuf yaaluun ni mala. Yoo akkas ta’e, deggersi kaffaltii dabalataa isiniif taasifama.
Balaawwan
Qorannoo kana irratti hirmaachuun keessan balaa xiqqaa hanga homaa balaa hin qabneetti ilaalama. Haa ta’u malee, yeroo odeeffannoo qooddan kamiyyuu, balaan akka tasaa ifa ta’u ni jira. Gareen qorannoo kun hojimaata nageenya daataa cimaa fayyadamuun balaan kun baayyee akka xiqqaatu ni mirkaneessa.
Qorannoon kana irratti hirmaachuun fedhii ofiitiin kan raawwatamudha. Yoo hirmaachuu dhiiftanis, adabbiin isiniif hin jiraatu, akkasumas hariiroo Magaalaa Saint Poul ykn sagantaa ishee kamiyyuu waliin qabdan irrattis dhiibbaa addaa hin qabaatu. Gaaffii(wwan) qorannoo irratti argaman kamiyyuu irra darbuu fi yeroo barbaaddanittis adabbii malee qorannicha irratti hirmaachuu dhaabuu dandeessu.Yoo qorannicha irratti hirmaachuu dhiistanis, ammas ji’a 12 fi 24 booda qorannicha guutuu fi argachuuf carraa kaardii kennaa Viisaa dabalataa $40 ni argattu.
Qorattoonni odeeffannoo keessan karaa hedduudhaan ni eegu. Odeeffannoon adda baafame kamiyyuu kan akka maqaa fi guyyaa kan dhalootaa dafee baafamee qorannoo uumameen bakka ni buufama. Odeeffannoon hundi sarvaroota nageenya qaban, jecha icciitiidhaan eegaman irratti kuufameera. Daataa arguuf kan hayyamamu miseensota garee pirojektii hayyama addaa qaban qofa. Namni Magaalaa Saint Poul irraa dhufe kamiyyuu daataa qorannoo keessanii argachuu hin danda’u.
Galmee qorannoo koo eenyutu argachuu danda’a?
Yuunivarsiitii, ispoonsaroota qo’annoo ykn maallaqa kennan, odiitaroota, fi/ykn Boordii Gamaaggamii Dhaabbilee (IRB) qorannoon haala nageenya qabuu fi sirrii ta’een akka raawwatame mirkaneessuuf odeeffannoo arguu danda’u.
Odeeffannoon qorannoo kana keessatti walitti qabame akkam ta’a?
Odeeffannoon isin qorannoo kanaaf ulaagaa guutuu keessan murteessuuf qooddan (teessoo, guyyaa dhaloota daa’imaa, hariiroo daa’imaa waliin qabu, fi odeeffannoo faayidaa fi galii), CollegeBound Boost keessatti isin galmeessisuuf Magaalaa Saint Pouliif ni qoodama. Deebiin qorannoo dhuunfaa keessanii Magaalaa Saint Pouliif hin qoodamu. Deebii qorannoo akka gareetti qofa gabaasna.
Odeeffannoo waa’ee keessan yeroo qorannoo walitti qabnu pirojektoota qorannoo gara fuula duraatiif kan ol keenyu ta’a. Maqaan keessanii fi odeeffannoon biroo kallattiin isiniin adda baasuu danda’an odeeffannoo qorannoo nuti isin irraa walitti qabnu irraa haala nageenya qabuu fi addatti ni kuufamuu. Walitti dhufeenyi (linkiin) addaa qorannoon uumamee fi odeeffannoo adda baasuu keessan gidduu jiru kamiyyuu qorannoowwan erga xumuramanii booda dafee ni haqama. Qorattoonni akka qaama pirojektii kanaatti waggaa tokkoo fi lama booda irra deebi’anii isin qunnamuu danda’u. Bu’aan qorannoo kanaa barruu ykn dhiheessiin maxxanfamuu danda’a, garuu odeeffannoo eenyummaa keessan ibsu kamiyyuu hin dabalatu.
Odeeffannoon koo qorannoo gara fuula duraatiif fayyadama moo namoota biroof qoodama?
Qorannoo tarkaanfachiisuuf, muuxannoo gaariin yeroo ammaa jirus gareewwan qorannoo gara fuula duraatti taasifaman, garee qorannoo kanaan waan barataman akka mirkaneessanii fi qoratan hayyamuudha. Muuxannoo gaarii ta’e kana hordofna. Jalqaba waan eenyummaa keessan adda baasuu danda'u kamiyyuu dhabamsiisuudhaan iccitii keessan ni eegna. Sana booda qorannoon gara fuula duraatti taasifamu hayyama odeeffannoo dabalataa isin irraa kennamuun osoo hin barbaadamin geggeeffamuu danda’a.
Waa’ee qorannoo kanaa eenyuun qunnamuu danda’a?
Qorattoota armaan gaditti tarreeffaman qunnamaa:
- Waa’ee qorannichaa odeeffannoo dabalataa argachuuf
- Waa’ee adeemsa qo’annoo gaaffii gaafachuuf
- Dhukkuba, miidhaa qaamaa, ykn rakkoo biroo gabaasuuf (hakiimota idilee keessanittis himuun isin barbaachisuu danda’a)
- Qo’annoon osoo hin xumuramin dhiisuuf
- Qoʼannichaa ilaalchisee yaada qabdan ibsuuf
Qorataa Olaanaa: William Elliott, PhD
Imeelii: parent.survey@umich.edu
Bilbila: (bilbila bilisaa) 1-833-842-1248
Yoo waa’ee Mirgoota keessan akka hirmaataa qorannootti gaaffii kan qabdan ta’e, ykn odeeffannoo argachuu, gaaffii gaafachuu ykn waa’ee qorannoo kanaa yaada kamiyyuu qorataa(ttoota) irraa kan hafe nama biraa waliin mari’achuu yoo barbaaddan, maaloo kanneen armaan gadii qunnamaa:
University of Michigan
Health Sciences and Behavioral Sciences Institutional Review Board (IRB-HSBS)
2800 Plymouth Road
Building 520, Room 1169Ann Arbor, MI 48109-2800
Bilbila: 734-936-0933 or toll free (866) 936-0933
Faaksii: 734-936-1852
Imeelii: irbhsbs@umich.edu
University of Michigan Compliance Hotline at 1-866-990-0111.
Odeeffannoo armaan gadii guutuudhaan qorannoo kana irratti hirmaachuuf hayyama kennitaniittu. Maaloo odeeffannoo kana guutummaatti guutaa akka ulaagaa qorannichaaf qabdan murtaa’uu danda’uuf.
Miseensi garee qorannoo ‘Pan Atlantic Research’ irraa, erga unka kana galchitanii booda karaa imeelii, barreeffama ykn bilbilaan isin qunnamee (1) qorannoo kana irratti hirmaachuuf ulaagaa guutuu keessan isinitti himuuf, akkasumas (2) qo’annoo kana keessatti hirmaannaa keessan akka mirkaneessitan isin gaafachuuf. Qo’annoo kanaaf ulaagaa guutuu yoo hin dandeenye, beeksisa imeelii Magaalaa Saint Poul irraa isiniif ergama.
Yoo odeeffannoo kana toora interneetii irratti guutuu hin dandeenye, maaloo odeeffannoo keessan bilbilaan kennuudhaaf Pan Atlantic Research 651-356-8068 qunnamaa.